Fana: At a Speed of Life!

Fiichee fi Asallaatti namoota harka qalleeyyidhaaf deeggarsi taasifame

Finfinnee,Waxabajjii 22,2012 (FBC) – Godina Shawaa Kaabaa magaalaa Fiichee fi godina Arsii magaalaa Asallaatti namoota harka qalleeyyidhaaf deeggarsi taasifame.
 
Deeggarsichi kan taasifame sababii weerara vaayrasii koroonaatin namoota rakkoo nyaataatiif saaxilamaniifi.
 
Magaalaa Fiicheetti dhalattoota Salaaletiin namoota 550f deeggarsi meeshaalee nyaataa fi qulqullina Birrii miiliyoona 2.4 ol taasifameera.
 
Haaluma walfakkaatun magaalaa Asallaatti dhaabbanni Plaan Intarnaashinaal Hundee jedhamu sababii weerara vaayrasii koroonaatin namoota deeggarsa barbaadaniif, deeggarsa meeshaalee qulqullinaa fi oomishaalee nyaataa tilmaama Birrii kuma dhibba 7 laatera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.