Fana: At a Speed of Life!

Fiigicha walakkaa maaraatoonii Kooppan Haganitti gaggeeffameen Atleetoonni Ityoophiyaa injifatan

Finfinnee, Fulbaana 9, 2014 (FBC) – Fiigicha walakkaa maaraatoonii Deenmaarki Kooppan Haganitti guyyaa har’aa gaggeeffameen Atleetoonni Ityoophiyaa koorniyaa lamaaniinuu injifataniiru.

Atleet Amdawarq Waalelinyi daqiiqaa 59 fi seekoondii 10 sadarkaa 1ffaa, Atleet Abbee Gaashahu daqiiqaa 59 fi seekoondii 46 sadarkaa 4ffaan xumureera.

Dorgommii Dubartoota gidduutti gaggeeffameen ammoo Atleet Tsahaa Gammachuu sa’aatii 1:05:08 sadarkaa 1ffaan yoo xumurtu, Atleet Hawwii Faayyisaa sa’aatii 1:05:41 sadarkaa 2ffaa, Atleet Bayyanuu Dagafaa sa’aatii 1:08:15 sadarkaa 4ffaan, Atleet Yittaayish Makonniin sa’aatii 1:08:53 sadarkaa 5ffaan xumuruu ragaan Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.