Fana: At a Speed of Life!

Fiigichi daandirraa mata duree ‘jalaalaf nan fiigaa’ jedhuun bulchinsaa magalaa Dirree Dawaatti gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 7, 2014 (FBC) – Fiigichi daandirraa Kiiloo Meetira 5 fi 10 mata duree ‘jalaalaf nan fiigaa’ jedhuun bulchinsaa magalaa Dirree Dawaatti gaggeeffameera.

Dorgommicha Kantibaan bulchinsa magaalaa Dirree Dawaa obbo Kadir Jawaarii fi Komaandar Huseen Shibboo bakkichatti argamuun eegaalchisaaniiru.

Fageenya kiiloo meetiraa 10 koorniyaa lamaaniinuu kan gaggeeffame yoo ta’u Atleet Immabeet Nuguseen sadarkaa 1ffaa, Yaalem Geexee Yaaragaalii fi Adaanee Animaay kilaba Ispoortii Hojiilee Bishaanirraa 2ffaa fi 3ffaan xumuraniiru.

Dhiirootan Atleet Gammachuu Giishee Poolisii Federaalaa irraa sadarkaa 1ffaa, Atleet Dabbabaa Takkaa manneen Amala sirreessaarraa 2ffaa, Atleet Mulgeetaa Asaffaa Raayyaa Ittisaarraa 3ffaa ba’uun xumuraniiru.

Atleetoota sardakaa 1ffaa hanga 3ffaa ba’aniif badhaasni Birrii kuma 50 hanga kuma 15 laatameera.

Dorgommicharratti Preezdaantiin ‘Heemaa Rees Idil addunyaa’ Komaandar Atleet Geexee Waamii, Kumalaa Atleet Alii Abdooshii fi Atleet Sambaree Tafariin argamaniiru.

Yasin Shamsudintu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.