Fana: At a Speed of Life!

Fiigichi dubartoota qofa hirmaachise gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 6, 2012 (FBC) – Fiigichi dubartoota qofa hirmaachise mata duree ‘dursa dubartootaf’ jedhuun Finfinneetti gaggeeffame.

Fiigichi fageenya meetira kuma 5 uwwise kun yeroo 17ffaaf gaggeeffame.

Sagantaa kanarratti Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen argamuun ergaa dabarsaniiru.

Fiigichi kun dirree dubartoonni mirga isaanii itti kabachiisaniidha jedhan.

Dubartoonni mirga, nageenyaa fi walqixummaa isaanii kabachiisuuf ga’ee isaanii adda durummaan ba’uu qabu jedhan.

Preezdaant Saahilawarq vaayrasii koroonaa ittisuuf qajeelfama hordofuu fi qajeelfamaaf bitamuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Fiigicha kanarratti dubartoonni kumni 15 ol hirmaataniiru jedhame.

Dorgomicha Atleet Tsigee Gabrasalaamaa sadarkaa 1ffaan yoo xumurtu, Alteet Yaalamzarf Yewaalaa 2ffaa, Atleet Nigist Haaftuu sadarkaa 3ffaan xumuraniiru.

Dubartoota dhuunfaan hirmaatan keessaa Artist Biruuktaawiit Geetahuun 1ffaa, Siister Asaayechi 2ffaa fi Beetii Waanoos sadarkaa 3ffaa ba’uun xumuraniiru.

Dorgomtoonni sadarkaa 1ffaa – 3ffaatti ba’an Birrii kuma 30 – 10tti walduraa duubaan badhaafamniiru.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.