Fana: At a Speed of Life!

Fiigichi maaraatoonii Duubaay olaantummaa atleetota Ityoophiyaatin xumurame

Finfinnee, Amajjii 15, 2012 (FBC) – Fiigicha maaraatoonii Duubaay barii kana gaggeeffameen atleetonni Ityoophiyaa koorniyaa lamaaninuu injifataniiru.

Fiigicha maaraatoonii barii har’aa dhiiroota gidduutti gaggeeffameen Atleet Oliiqaa Addunyaa sa’aatii 2:6:15n xumuruun yoo injifatu, atleetonni Ityoophiyaa biroon sadarkaa 3ffaa-10ffaa ba’uun dorgommicha olaantummaan xumuraniiru.

Dorgommii dubartoota gidduutti gaggeeffameen ammoo Atleet Warqinash Dagafaa sa’aatii 2:19:37n 1ffaa, Atleet Guutanii Shoomee sa’aatii 2:20:11n 2ffaa, Atleet Badhaatuu Hirphaa sa’aatii 2:21:54 sadarkaa 3ffaan yoo xummurtu, Atleetonni Ityoophiyaa biroos sadarkaa 4ffa hanga 9ffaatti jiru qabachuun olaantummaan xumuraniiru.

Dirree kana irratti Warqinash Dagafa bara Faranjootaa 2017 injifachuun ishee kan yaadatamudha.

Maaraatooniin Duubaay erga eegalamee atleetonni Ityoophiyaa walii gala dubartootan yeroo 15, dhiirotaan yeroo 14 injifataniiru

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.