Fana: At a Speed of Life!

Fiilmiin Kooriyaa Kibbaa ‘Parasite’ jedhamu badhaasa Ooskaar bara Faranjootaa 2020 injifate

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2012 (FBC) – Fiilmiin Kooriyaa Kibbaa “Parasite” jedhamu badhaasa Ooskaar bara Faranjootaa 2020 injifachuun seenaa galmeessise.

Seenaa badhaasa Ooskaarii kan waggoota 92 keessatti fiilmiin Afaan Ingiliziin ala hojjetame badhaasa kana yoo injifatu kun yeroo duraatifi.

Fiilmiin koomeedii dhimmoota hawaasummaa irratti bu’urueffate kun fiilmii “Ford v Ferrari, The Irishman, Jojo Rabbit, Joker” caaluun mo’ate.

Daayreektarri fiilmii kanaa Boong Joon hoo daayreektara cimaa badhaasa Ooskaar 92ffaa mo’ate ta’eera.

Fiilmichi ramaddii fiilmii idil addunyaa “Best International feature” jedhuunis kan injifate yoo ta’u, walumaagalatti badhaasawwan 4 injifateera.

Maddi: BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.