Fana: At a Speed of Life!

Filannoo boda fuulleffannaan keenya gara hojii diingadeetti- Jiraatoota magaalaa Asallaa

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2013 (FBC) Jiraattonni magaalaa Asallaa filannoon booda dimookiraasii filannoo biyyaalessa Itoophiyaa dhugoomsuuf sochiin keenna gara hojii diinagdeetti fuullefateera jedhanii jiru.
Filannoon marsaa 6ffaa Itoophiyaa karaa nagaatiin lammiileen akkuma bahanii filatanii galan guyyoota itti aananittis tasgabbii fi nageenyaan bu’aan isaa maxxanfamee filattootaaf ifa ta’e.
Akka jiraattonni magaalaa asallaa dubbifne jedhanitti, seenaa filannoo Itoophiyaa asiin duraa keesatti,erga filannoon gaggeeffamee booda iftoominnii fi tasgabbiin nageenyaa kan sirna bulchiinsa dimookiraasii wal faallessuu yaadaa fi qoqqooodamiinsatu ture jedhu.
Dimookiraasii biyya keenyaa tarkaanfii tokko kan fuulduratti dabarsuu fi fakkeenyummaa guddaa biyyoota guddachaa jiraniif biyyoota masoo guddina biyya keenyaa ta’aniif ta’uudhaas jedhu.
Erga filannoo karaa dimookiraasiitiin gaggeeffanneen booda sirna kana itti fufsiisuuf nageennyaa fi waldanda’uu dhugoomsuun biyyi teenna akka guddattuuf gahee keenna bahachuu qabnas jedhu.
Jamaal Gandootu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.