Fana: At a Speed of Life!

Filannoo booda rakkoon nageenyaa akka hin muuddanne qophoofne – Jiraattoota magaalaa Bishaan Gurraachaa

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2013 (FBC) – Filannoon booda magaalaan nageenya beekamtuun akka itti fuftu taasiisuuf qophaa’uu jiraattoonni magaalaa Bishaan Gurraachaa dubbaataniiru.
Filannoo biyyaalessaa guyyaa boruu gaggeeeffamuuf kaardii isaanii qopheeffachuun eeggachaa jiraachuu ibsaniiru.
Filannoon boodas abbaa injifate wajjiin karaa nagaatiin guddinaa fi nageeyna biyyaaf hojjachuuf qophiidha jedhan.
Qindeessaan Boordii Filannoo maagalichaa obbo Qaasim Turii magaalicha keesatti buufanni filannoo afur jiraachuu himaniiru.
Meeshaaleen Filannoof barbaachisan hundi qophaa’uus dubbataniiru.
Wayita filannoo qajeelfama weerara vaayarsii koroonaan ittisuuf ba’e eeguun filachuuf haal-dureen hundi guuttamuu obbo Qaasim eeraniiru.
Xilaahun yilmaa fi Misikkir Sinaaffiqitu gabaase.
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.