Fana: At a Speed of Life!

Filannoo naannoo Hararitti kan gaggeeffamuu nagaan xumuruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira

Finfinnee, Hagayya 25, 2013 (FBC)- Filannoo naannoo Hararitti kan gaggeeffamuu nagaan xumuruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Biiroon Nageenyaa naannichaa beeksiseera.

Hoggantoonnii hojii mootummaa fi qaamoleen nageenyaa filannoon nannichaatti gaggeeffamuu haqa qabeessaa akka ta’uuf marii taasisaniiru.

Hogganaan Biiroo Nageenyaa obbo Naasir Yuuyaa akka ibsanitti, filannichi haqa qabeessaa fi amanamaa ta’e akka xumuramuuf hirmaannaan taasifamaa jira jedhaniiru.

Hawaasa aanoolee waliin qindoominaan nageenyaa eegsisuuf xiyyeeffaannoo hojjetamuu akka qabuus ragaan kominikeeshinii mootummaa naannichaarra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.