Fana: At a Speed of Life!

Filannoo preezdantummaa biyya Jibuutiitti taasifame preezdantiin biyyattii bulchaa jiran Ismaa’il Omaar Giile yeroo shanaffaaf injifatan

Finfinnee, Eebla 2, 2013 (FBC)- Filannoo preezdantummaa biyya Jibuutiitti taasifame preezdantiin biyyattii bulchaa jiran Ismaa’il Omaar Giile yeroo shanaffaaf injifataniiru.
Filannoo guyyaa Jimaataa taasifameen Giileen sagalee 98% yeroo injifatan morkataan isaanii Zakaariyaa Ismaali Faarah sagalee 1.59% argataniiru.
Morkataan tokkochi kuni gareen filattoota isaa buufata filannootti hin simatamne jechuun guyyaa kaleessaa ofii isaaniif sagalee hin kennine.
Filannoo kana olaantummaan kan gaggeessan Ministeerri Dhimma Biyya Keessaa Jibuutii Mumiin Ahimad Sheek lammiileen 177,000 sagalee kennuu himan.
Kanneen filannoo kana irratti hirmaachuuf sagalee kennan 200,000 ol turan.
Bara Faranjootaa 1999 eegale aangoorra kan jiran Giileen maanguddoo ganna 73’ti. Filannoo ammaan waan injifataniif waggoota shan dhufanif biyyattii bulchuu danda’u.
Taajjabdoonni filannoo Liigii Arabaa irraa bakka bu’an wanti martinuu karaa naga qabeessa ta’een gaggeeffamaa jira jechuun kaleessa dubbachuu isaanii Ajaansi Firaans Pireesitu [AFP’tu] gabaaseera.
Gabaasaan BBC Mohaammad Abdiraahim akka jedhutti, paartileen morkattootaa jajjaboo ta’an filannichi kan dhugaa osoo hin taane calliseedhuma fakkeessuudha jechuun dhiisanii ba’aniiru.
Preezianticha waliin kan dorgoman nama Zakkaariyaa Ismaa’el jedhamu yommuu ta’an, daldalaa hedduu beekamaa hin taanedha. Meeshaalee qulqullinaa biyya alaatii galchuun daldalu.
Namni amma Omaar Gilee waliin filannoorratti dorgomaa jiran kun kanaan dura miseensa humna ittisaa turan.
Maddi:- BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.