Fana: At a Speed of Life!

Filannoon biyyaleessa karaan nagaan xumuramuun sagalee lakkaa’uun eegameera – Boordii Filannoo Biyyaalessaa

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2013 (FBC) – Filannoon biyyaleessa karaan nagaan xumuramuun sagalee lakkaa’uun eegalamuu Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa beeksiiseera.
Rakkoolee xixiqqoon ala Filannoon Biyyaalessaa marsaa 6ffaan karaa nagaan xumuramuu boordichi ibseera.
Buufatalee filannoo muraasatti hanqinni waraqaa filannoo qunnamee turuu Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Birtukaan Miidhaksaan ibsaniiru.
Naannoo Sidaamaa buufatalee tokko tokkotti rakkoon hanqina meeshaalee filannoo muudachuun isaan adeemsi filannoo akka adda citu taasiifameera.
Adeemsi filannoo kun guyyaa boruu sa’aatii 5:00 eegalee akka gaggeeffamu murtaa’uu ibsaniiru.
Magaalaa Gaambeellattis buufataalee muraasarratti adeemsi filannoo akka adda citu taasiifameera jedhan.
Buufaleen biroo garuu adeemsa filannoo xumuruun adeemsi sagalee lakkaa’uu eegalaa jiraachuu himaniiru.
Naannoo Beenishaanguul Gumuuz magaalaa Asoosaattis bufataalee filannoo muraasaatti sababa hanqinni waraqaa filannoo muudateen adeemsi filannoo adda cituu dubbataniiru.
Buufataalee naannolee lamaanii adeemsi filannoo adda cite kanneetti guyyaa sagaleen itti laatamu haala jiru sirnaan hubachuun kan murtaa’u ibsaniiru.

Bu’aan Filannoo sadarkaa buufataaleetti akkuma sagalee lakkaa’uun xumurameen halkan kanaa eegalee ibsamuu kan eegalamu ta’uu Birtukaan Miidhaksaan ibsa laatanii himaniiru.

Bu’aan filannoo yeroo naannolee filannoo ammo haaluma Boordicha qaqqabeen ibsamaa deema jedhaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.