Fana: At a Speed of Life!

Filannoon biyyoolessaa 2012 sagantaa fooyya’een Hagayya 23,2012 akka gaggeeffamu murtaa’e.

Finfinnee,Gurraandhala 6, 2012 (FBC) – Filannoon biyyoolessaa 2012 sagantaa fooyya’een Hagayya 23,2012 akka gaggeeffamu murtaa’e.

Koonfaransiin qooda fudhattoota filannoo gaggeeffamaa jira.

Sagantaa fooyya’aa filannoon biyyoolessaa itti gaggeeffamu walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyoolessaa Ityoophiyaa aadde Birtukaan Miidhagsaan dhiyeessaniiru.

Kanaan dura guyyaan kenniinsa sagalee Adoolessa 10,2012 akka gaggeeffamuuf yaadni murtoo dhiyaachun ni yaadatama.

Yeroon filannoo akka dheereffamu gaaffii dhiyaate yaada keessa galchinus, ija seeratiin garuu guyyaan kenniinsa sagalee Hagayya 23,2012 ta’a jedhaniiru.

Dhiibbaa waqtiin Gannaa uumuu malurratti Eejansii Meetrooloojii Biyyoolessaa Ityoophiyaa waliin hojjetamaa jira jedhan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.