Fana: At a Speed of Life!

Filannoon marsaa 6ffaa karaa nagaan akka xumuramu ga’ee keenya ni baana – jiraattoota magaalaa Waanjii fi Awash Malkaa Sa’aa

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2013 (FBC) – Jiraattoonni godina Shawaa Baha magaalaa Waanjii fi Awash Malkaa Sa’aa filannoon marsaa 6ffaa karaa nagaan akka xumuramu ga’ee isaanii kan ba’an ta’uu dubataniru.
Godina Shawa Baha bulchinsaa magaalaa Waanjii fi Awash Malkaa Sa’aatti qophiin filannoo xumuramuu ibsame.
Meeshaaleen filannoo buufataalee filannoo magaloota lamanii qaqqabuu himameera.
Jiraattonni magaalaa Waanjii fi Awash Malkaa Sa’aa kaardii filannoo fudhatan filannicha hawwiin eega kan jiraachuu ibsaniiru.
Filannoon kunis karaa nagaan akka xumuramu qama nageenya cinaa ta’uu qooda isaanii kan ba’an ta’uu ibsaniru.
Paartileen morkatoota fi qamni mootummaas filannoon nagaan akka xumuramu ga’ee isaanii akka ba’an gaafataniiru.
Midhaksa Qachaatu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.