Fana: At a Speed of Life!

Filannoon marsaa 6ffaa naannoo Hararii karaa nagaan xumurame – Komishinii Poolisii naannoo Hararii

Finfinnee, Fulbaana 20, 2014 (FBC) – Filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaa naannoo Hararii karaa nagaan xumuramuu Komishinii Poolisii naannoo Hararii beeksiise.

Filannoon marsaa 6ffaa sodaa nageenyaa tokko malee karaan nagaan xumuramuu Komishinarr Komishinii naannichaa Obbo Nasirii Zakaariyaa ibsaniiru.

Filanichi karaa nagaan akka xumuramuuf Komishiniin Poolisii naannichaa qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechaa turuu eeraniiru.

Adeemsi bu’aa sagalee lakkaa’uu hanga xumuramutti hojiin eeggumsaa cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

Qaamolee filannichi karaa nagaan akka xumuramu gumaacha taasiisan hunda galateeffataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.