Fana: At a Speed of Life!

Finfinneen ijaarsa invastimantii Wiirtuu Daataan addunyaarraa sadarkaa 2ffaa qabachuu qorannoon ifoomse

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2015(FBC)- Magaalaan Finfinnee damee ijaarsa invastimantii Wiirtuu Daataan Beejiingitti aanuun addunyaarraa sadarkaa 2ffaa qabachuu qorannoon ifoomse

“FDI Intalajansi” qorannoo yeroo dhiyootti gaggeesseen, magaalota ijaarsa Wiirtuu Daataan invastimantii harkisuun filatamoo ta’an ifoomsera.

Qorannochi bara warra faranjootaa 2003-2022tti magaalota ijaarsa Wiirtuu Daataa harkisuun filatamoo ta’an 100 ifoomsuu eerameera.

Ijaarsa Wiirtuu Daataa ammayyaafi qulqullina qabu, bu’uuraalee misoomaa gahaa ta’an diriirsuu, bakka ijaarsaa gahaa ta’e qopheessuu ulaagaaleen jedhan qorannichaan hammatamuu ibsameera.

Haaluma kanaan magaalaan Finfinnee magaalota Landan, Shaangaay, Tookiyoo, Istaanbuliifi See’uliin dursiin Beejiingitti aantee sadarkaa 2ffaa qabachuu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.