Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti bakki gurgurtaa fudraa fi mudraa Jaanmeedaatti(Urufa Doobbii) akka dabarfamu murtaa’e

Finfinnee, Bitootessa 23, 2012 (FBC) – Finfinneetti bakki gurgurtaa fudraa fi mudraa Jaanmeedaatti(Urufa Doobbii) akka dabarfamu murtaa’e.
 
Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan dhiphina naannoo gabaa fudraa fi mudraatti muul’aturratti caasaa nageenyaa waliin mari’ataniiru.
 
Iddoon gabichaa raabsaa fudraa fi mudraa waan ta’eef namni kan itti heddummaatuu fi dhiphaa ta’uu ibsaniiru.
 
Haaluma kanaan Wiixataa eegalee yeroodhaf bakki gabaa fudraa fi mudraa Urufa Doobbiitti darba.
 
Bakki gabaa duraanii akka mankuusaa qofaatti akka tajaajilus eerameera.
 
Urufni Doobbii dirree bal’aa waan ta’eef, sochii fi to’annoof mijataadha jedhameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.