Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti boruu irraa eegalee talaalliin kaansarii fiixee gadaameessaa dubartootaaf laatamuu ni eegala

Finfinnee, Amajjii 17, 2013 (FBC)- Finfinneetti boruu irraa eegalee hanga Amajjii 22, 2013tti talaalliin kaansarii fiixee gadaameessaa dubartootaaf laatamuu akka eegaluu Biiroon Eegumsa Fayyaa magaalaa Finfinnee beeksise.
Magaalaa Finfinneetti dubartoonni kumni 49 ol ta’aan manneen barnootaa fi dhaabbilee fayyaatti talaallicha ni argatu jedhameera.
Ityoophiyaatti dhibeen kaansarii fiixee gadaameessaa kaansarii Harmaatti aanee sadarkaa 2ffarratti argama.
Waggaattis dubartoonni kumni 7 ol dhibichaan akka qabamaan itti gaafatamaan Biiroo Eegumsaa Fayyaa magaalaa Finfinnee Dooktar Yohaannis Caalaa ibsaniiru.
Kanneen keessaas kuma 5 kan ta’an sababa dhibichaaf lubbuu isaanii ni dhabuu jedhaniiru.
Dhibicha hamaa kan taasisees %80 waggaa 10 hanga 20tti mallattoo osoo hin agarsiisiin ture kan muul’dhatu ta’uu Dooktar Yohaannis himaniiru.
Dhibichi vaayrasii Paapiloomaa jedhamuun kan dhufuu yoo ta’u, walqunnamtii salaatinii kan daddarbuu.
Talaallicha kan fudhataan dubartoota umri wagga 9-14 gidduutti argamaniidha.
Fatiyaa Abdallaatu gabaase
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.