Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti oodiitii fi galmeen lafaa eegalamuufi

Finfinnee, Adoolessa 30, 2012 (FBC) – Finfinneetti oodiitii fi galmeen lafaa eegalamuufi.
 
Galmee fi oodiitichis weerara lafa seeran alaa to’achuuf kan gargaarudha jedhameera.
 
Hojicharrattis itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan qoda fudhattoota waliin mari’ataniiru.
 
Galmeen booru eegalamu, magaalaa walakkaadhaa hanga lafa qonnaan bulaa kan dabalatudha.
 
Lafa qonnaan bulaa weerara lafaa seeran alaaf saaxilame galmeessuun, ragaan mirkana abbummaa ni laatama.
 
Hojiin galmee fi oodiitii kun teeknoloojidhaan deeggaramuun Ministeera Saayinsii fi Innooveeshinii waliin qindoominaan hojjetama.
 
Galmeen lafa qonnaan bulaa kutaalee bulchiinsa magaalaa 5 hanga Fulbaana 30,2013tti akka xumuramu kallattiin kaa’ameera.
 
Hojiin hojjetamu qonnaan bulaan faddaalaan goyyomfamee lafasaarraa akka hin buqqaane gargaara jedhan Injiinar Taakkalaa Uumaan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.