Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti Oomishni Qullubbii Diimaa kallattiin hawaasaaf dhiyaachaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2014 (FBC) -Magaalaa Finfinneetti Oomishni Qullubbii Diimaa kallattiin gatii madaallawaan hawaasaaf dhiyaachaa jiraachuu Ejansiin Bulchiinsa Waldaa Hojii Gamtaa magaalichaa beeksiise.
Guyyaa kaleessaa jalqabee oomishini Qullubbii Diimaa naannoo Oromiyaa Godina Arsii kallattiin Qonnaan bulaarraa magaalaa Finfinnee galuu kan eegale yoo ta’u,bakka hawaasaaf mijataa ta’etti gurgurtaaf dhiyaachaa jiraachuu Daayrektarri Daayreektoreetii Dhimmoota Kominikeeshinii Ejansii Bulchiinsa Waldaa Hojii Gamtaa magaalaa Finfinnee obbo Xilahuun Geetachoo ibsaniiru.
Yeroo itti aanus idileen bakka hawaasaf mijataa ta’eetti oomishni kun kallattiin kan dhiyaatu ta’uu ibsaniiru.
Waldaaleen Ejansicha waliin waliigaltee qaban oomishaalee kanneen kallattiin hawaasaaf dhiyeessuuf kan hojjatan akka ta’e kaasaniiru.
Oomisha Qullubbii Diimaa kana gatii madaallawaan hawaasaaf iddoo mijatutti dhiyeessuun kan itti fufu ta’uu obbo Xilahuun eeraniiru.
Gaaddisaa Geetaachootu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
May be an image of food and outdoors
0
People Reached
0
Engagements
Distribution Score
Boost Post
Like

Comment
Share
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.