Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti sochiin idilee hin dhaabbatu jedhame

Finfinnee, Bitootessa 26, 2012 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti sochiin idilee hin dhaabbatu jedhame.

Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan tamsa’ina vaayrasii koroonaa fi hojiilee ittisaa hojjetamaa jiranirratti ibsa laataniiru.

Itti aanaan kantiibichaa sababii vaayrasii koroonaatin sochiirratti qoqqobbiin kan hin kaa’amne ta’uu ibsaniiru.

Sochiin magaalichaa osoo daangeffamee rakkoon hawaasummaa fi diinagdee cimaan mudachuu malas jedhaniiru.

Kanarraa kan ka’e sochiirratti ittisa kaa’uf hin yaadamne jedhaniiru.

Yaata’uutii namni kamuu tamsa’ina vaayrasichaarraa akka of eeguu fi qajeelfamoota ogeeyyiin fayyaa fi mootummaan laatan hojiirra akka oolchan dhaamaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.