Fana: At a Speed of Life!

Firiin Qorumsa naannoo kutaa 8ffaa ifoome

Finfinnee, Hagayya 25, 2014 (FBC) – Biiroon Barnootaa Oromiyaa firii qormaata kutaa 8ffaa bara 2014 ifoomseera.
Itti Aanaan Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Obbo Girmaa Baayyisaa qabxii darbiinsaa barattoota kutaa 8ffaa sababeeffachuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Bu’uuruma kanaan akka naannoo Oromiyaatti bara 2014tti barattoota kuma dhibba 4 fi kuma 51 fi 25 qormaata naannoo kutaa 8ffaa fudhachuuf galmaa’an keessaa barattoonni kumni dhibbi 4 fi kumni 43 fi 526 qormaaticha fudhatanii turuu eeraniiru.
Barattoota qoramaata fudhatan walii gala keessaa barattoonni kumni dhibbi 4 fi kumni 21 fi 779 yookaan % 95.09 qabxii darbiinsaa argatanii gara kutaa 9ffaatti darbuu Obbo Girmaan ibsaniiru.
Naannawwa horsisee bulaan alaa qabxiin darbiinsa dhiiraf 50 fi dubartoota 47 ta’uu himaniiru.
Naannawwaa horsiisee bulatti ammoo qabxiin darbinsa dhiiraf 47 yoo ta’uu, barattoota durbaaf 44 ta’uu Obbo Girman himaniiru.
Qabxiin darbiinsa barattoota fedhii adda kan dhiira 44 ta’uu eeramera.
Naannoo Oromiyaatti bara barnootaa 2015 barattoota miiliyoona 11 ol barsiisuuf galmeen eegalamuu himaniiru.
Barattoota miiliyoona 7.5 ol Sagantaa nyaataa manneen barnootaan fayyadamoo taasiisuuf haaldureen xumuramuu ibsnaiiru.
Barattoonni odeeffannoo dabalataa argachuu barbadaan liinkii armaan gadiin fayyadamuu kan danda’an ta’uu himaniiru. https://oromia.ministry.et/#/home.
Gammachuu Beekumaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.