Fana: At a Speed of Life!

Fooramii fi Igzibishiniin Invastimantii diyaaspooraa magaalaa Finfinneetti geggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 3, (FBC) – Fooramii fi Igizibiishiniin Invastimantii diyaaspooraa magaalaa Finfinnee Hoteela Iskaay Laayitiitti geggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Fooramii fi Igzibishinii Invastimantii diyaaspooraa kana kan qopheesse Komishinii Invastimantii Ityoophiyaa yoo ta’u, fooramicha irratti hawaasa diyaaspooraa, dureeyyota, gaggeessitoota mootummaa fi Baankilee dabalatee, qooda fudhattootni garaagaraa hirmaataniiru.
Fooramichi hawaasni diyaaspooraa carraa invastimantii biyyattiin qabdu akka beeku, hawaasa invastimantii waliin akka mari’atu, gaaffilee qabu akka kaasuu fi hubannoo walii galaa akka argatu ni gargaara jedhameera.
Fooramii kanarratti namoonni 500-800 ta’an hirmaachuu jiru jedhame.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.