Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin invastimantii fi daldalaa Ityoophiyaa Siriilaankaatti gaggeeffame

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2012 (FBC) – Fooramiin invastimantii fi daldalaa Ityoophiyaa Siriilaankaa magaalaa Kooloombootti gaggeeffame.

Hinditti Imbaasiin FDRI fi Koolombootti waajjiri qoonsilaa Ityoophiyaa waliin ta’uun fooramii kana kan qopheessan ta’uu himameera.

Fooramii kanarratti abbootiin qabeenyaa Siriilaankaa 45 ta’an, dhaabbileen garagaraa, hoggantoonni , qaamooleen dhuunfaa daldalaa fi turiizimiirratti bobba’an, akkasumas keessummoonni waamichi godhameef argamaniiru.

Hariiroon diippiloomaasii Ityoophiyaa fi Siriilaankaa bara Faranjootaa 1972 kan eegale ta’uu Hinditti ergammaan addaa FDRI Ambaasaaddar Dooktar Tizzitaa Mulgeetaa ibsuun, biyyoonni lamaan dameewwan garagaraarratti waliin hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Abbootiin qabeenyaa biyyattii dameewwan garagaraarratti gara Ityoophiyaa dhufuun invast gochuu akka qaban gaafataniiru.

Ambaasaaddar Dooktar Tizzitaan invastimantii alaa harkisuuf mootummaan Ityoophiyaa diinagdee biyya keessaarratti fooyya’iinsa taasisaa jiraachuu himaniiru.

Abbootiin qabeenyaa Siriilaakaas gara Ityoophiyaa yoo dhufan deeggarsa barbaachisu hunda kan taasisan ta’uu mirkaneessaniiru.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Siriilaankaa kan turan ammatti ammoo Ministirri Dhimma Alaa biyyattii, daayreektarri jeneraalaa diiviizhiinii Afrikaa Ambaasaaddar Suumiiz Daasaanaa Yaakeen gama isaanitiin jijjiirrama hunda galeessaa fi riifoormii mootummaan Ityoophiyaa gaggeessaa jiru dinqisiifataniiru.

Abbootiin qabeenyaa Siriilaankaa carraa jirutti fayyadamuun Ityoophiyaatti invast akka godhan gaafataniiru.

Hinditti Imbaasiin DFRI Hind dabalatee, Taaylaand, Siriilaankaa, Neeppaal, Baangilaadiish, Butaaniii fi Kaazaakiistaan kan tajaajilu yoo ta’u, abbootiin qabeenyaa biyyoota kanneenii daldalaa fi Invastimantii Ityoophiyaarratti akka hirmaatan xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Imbaasichi ibsa Faanaa Broodkastiing Koorporeetif ergeen beeksiseera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.