Fana: At a Speed of Life!

Fulbaana 12 – 20tti biyyoota Baha Afrikaatti hammi Roobaa olaanaa ta’e ni eeggama – IGAD

 Fulbaana 12 , 2013 (FBC) – Fulbaana 12 – 20tti biyyoota Baha Afrikaatti hammi Roobaa onaalaa ta’e kan eeggamu ta’uu Mootummoonni Misooma Baha Afrikaa akeekkachiise.
Dhiha Ityoophiyaa iddoo tokko tokkotti, Sudaan Kibbaa fi Dhiha Keeniyaa iddoo tokko tokkootti hammii Roobaa olaanaa ta’e miilii liitira 200 ol roobuu akka danda’u ibsameera.
Kutaalee Kibbaa Sudaan, irra caala Sudaan Kibbaa, Dhiha fi giddugala Ityoophiyaa, Kaaba Baha Soomaaliyaa, irra caala Ugaandaa, giddugalaa fi Dhiha Keeniyaa, akkasumas irra caalaa Ruwaandaatti hammi roobaa giddugaleessi miilii liitira 50 – 200 ta’u ni eeggama jedhame.
Dhiha Eeritraa, giddugala Sudaan, Kibbaa fi Baha Ityoophiyaa, qarqara galaanaa Jiibuutii, kutaalee Kibba Baha Sudaan Kibbaa, Kaabaa fi Kibba Soomaaliyaa, Kaaba Bahaa fi Kibba Dhiha Keeniyaa, Kaaba Bahaa fi Dhiha Ugaandaa iddoolee muraasa fi Baha Taanzaaniyaatti Roobni salphaan hanga miilii liitira 50 kan eeggamu ta’uu ibsameera.
Gama biroon Dhiha, Kibbaa fi giddugala Taanzaaniyaa, Kaabaa fi Kaaba Baha Keeniyaa, giddugala Soomaaliyaa, Kibba Bahaa fi Kaaba Baha Ityoophiyaa iddoolee tokko tokko, Baha Eeritraa, Jiibuutii fi Kaaba Sudaanitti haalli qilleensaa gogaa ta’e kan eeggamu ta’uu Abbaan Taayitaa Raaga Haala qilleensaa Mootummoota Misooma Baha Afrikaa ibseera.
Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.