Fana: At a Speed of Life!

Furtuun nageenya Oromiyaa irratti hojjechuuf socho’aa jiraachuu beeksise

Finfinnee, Gurraandhala 26, 2012 (FBC) – Dhaabbanni miti mootummaa nagaanyaa fi araaraa Furtuu jedhamu dhimma nageenya Oromiyaa furuuf socho’aa jiraachuu beeksise.
 
Dhaabbanni kun waraqaa ragaa mootummaa irraa dhiyeenyattii argateen dhimmoota nagaa fi araara naannoo Oromiyaa fi nageenya naannollee ollaa wajjin hojjechuuf hundaa’e.
 
Kunis muuxannoowwan nageenyaa fi araara idil addunyaa hordofeen kan geggeffamu ta’uu walitti qabaan dhaabbatichaa obbo Lammii Taayyee midiyaaleef ibsaniiru.
 
Dhaabbatni kun miseensota 13n kan hundeeffame ta’uu Biiroon Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa beeksiseera.
 
Kaayyoon hundeeffama dhaabbatichaa inni ijoon rakkoo nageenyaa Lixa fi Kibba Oromiyaatti wal dhibddee waggaa tokkoo oliif waraana mootummaa fi qaamni bosona jiru jidduu jiran furuu fi akkaataa araarri dhugaa qaamota lamaan kana gidduutti bu’uu danda’u irratti kan hojjetu ta’uu miseensonni dhaabbatichaa dubbataniiru.
 
Kana keessatti ammoo ummanni gidduutti miidhamaa jiraachuun rakkoo nageenyatiin sab-qunnamtiin adda cituu fi hojiin misooma bu’uuraa dhabamuun yaaddoo guddaa ta’ee jira.
 
Kun akka sabaatti nu yaaddessa; kanaaf miseensootni kunniin walitti dhufuun akkaataa araarrii fi nageenyi waaraan argamu irratti hojjechuuf jalqabneerras jedhan.
 
Araara kana keessatti mootummaa biraa fudhatamaa kan argatanii fi qaamoleen hidhatanii socho’anis midiyaaleerraayis ta’e karaa kamiiniyyuu odeeffannoo argataniin hojii keenya kana akka nurraa fudhatan ni gaafanna jechuun miseensootni kunnin waamicha dhiyeessaniiru.
 
Gama mootummaatin hogganaan Biiroo Dhimmoota Koomunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Geetaachoo Baalchaan ibsicharratti argamuun ergaa dabarsaniin dhaabbanni kun dhimma kooti jedhee nagaa ummataa irratti hojjechuuf onnachuu isaa galateeffachuun, hojiiwwan isaan yeroo sochii taasisan keessatti bifa kamiiniyyuu kan deeggaran ta’uu ibsaniiru.
 
Nageenyi yoo jiraate misoomni jira, kanaaf rakkoo nageenya naannoo keenyaatti uumameef mootummaan gamasaatin dhaabbata kana cinaa akka dhaabbatus ibsaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.