Fana: At a Speed of Life!

Gaaffii naannoo ta’uu godinaalee fi aanaalee addaa naannoo kibbaarratti mari’atamaa jira

Finfinnee, Hagayya 12, 2014 (FBC) – Manni Maree Federeeshinii gaaffii gurmaa’iinsa naannoo ta’uu godinaalee 6 fi aanaalee addaa 5 naannoo kibbaarratti mari’ataa jira.
Gaaffilee naannoon gurmaa’uu godinaalee 6 fi aanaalee addaa 5 naannoo kibbaarraa dhiyaateerratti yaadni murtoo dhiyaachuun mari’atamaa jira.
Manni marichaa Yaa’ii ariifachiisaa guyyaa har’aa taa’aa jiruun gaaffii naannoon gurmaa’uu karaa koree eenyummaa fi dhimmoota daangaan dhiyaateef deebii laachuuf yaada murtoorratti marii gaggeessaa jira jedhame.
Guyyaa gaaffiin kun dhiyaatee ka’ee hojiileen baatiwwan sadan darban keessa hojjetamaa turanii fi yaadni ka’umsaa akka dhiyaatu taasiifameera.
Bara baajataa darbe keessa gaaffiilee faayidaa ummataa kabajachiisaan deebii akka argatan taasiifamuu fi Godinaaleen dhuunfaarra kilaasteraan yoo gurmaa’an caalmaatti faayidaa kan qabaatu ta’uu ka’eera.
Yaadni naannoo lamaan yaa gurmaa’an jedhus kan dhiyaate yoo ta’u, kana raawwachuuf qajeeltoowwan barbaachisan qopheessuun dhimma biraa ta’uu hubatameera.
Hayilayesuus Siyyuumtu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.