Fana: At a Speed of Life!

Gaaffiilee haqamuu filannoorratti dhiyaate ilaalchisee yaadni Murtee mana mare Federeeshiniif dhiyaate

Finfinnee, Caamsaa 21, 2012 (FBC) – Koreen qulqulleessituu dhimmoota heera mootummaa sababa weerara vaayrasii koroonaan haqamuu filannoorratti gaaffiilee hiikkaa heeraratti dhiyaataniif guyyaa har’aa deebii laate.
 
Yaa’ichi gaaffiilee hiikkaa heera mootummaarratti dhiyaate kallattii garaagaraan qorachaa turuu ibsameera.
 
Yaada murtoo osoo hin dhiyeessin dura bu’uruma labsii lakkoofsa 798/ 2005, keeyyate 9niin ogeeyyii damichaan muuxxannoo qabanii fi qaamoolee yeroo heerri mootummaa qophaa’u hirmaatan waliin marii taasisaa turuu ibsameera.
 
Akkasumas dhaabbilee mootumaa, Ministeera Fayyaa , Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa fi Boordii Filannoo Biyyaalessaa waliin marii ifa ta’e gaggeessuu korichi eereera.
 
Marii taasifamu cinaatti yaadoonni hedduun barreeffamaan dhiyaachuu korichi himeera.
 
Torbee lamaaf itti fufiinsaan dhimmoota ijoorratti gadi fageenyaan erga mar’atamee booda deebiin yaada murtee Mana Maree Federeeshiniif dhiyaachuu ibsameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.