Fana: At a Speed of Life!

Gaambeellatti ergamtoota garee shororkeessaa ABUT fi Shanee to’achuuf hirmaannaan ummataa gaafatame

Finfinnee, Hagayya 25, 2013 (FBC) – Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannoo Gaambeellaa tattaaffii ergamtoota garee shororkeessaa ABUT fi Shanee to’achuuf taasiifamu milkeessuuf deeggarsa ummataa gaafateera.
 
Gareen kun kaleessa galgala yakka shororkeessummaa raawwachuuf yaalii taasiiseen labbuun namoota 3 darbuu fi namoota 5 irra ammoo miidhaan qaqqabuu biirichi ibseera.
 
Ergamtoonni garee kanneenii yakka shororkeessummaa raawwachuuf socho’aa jiraachuu Hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannoo Gaambeellaa obbo Toomaas Tuutti ibsaniiru.
 
Naannoo Magaalaa Gaambeellatti iddoo adda Toorjanee jedhamutti qaamoleen hin beekkamne 5 namoota hojii qonnaarra turan lamarratti dhukaasa bananiin lubbuun nama tokkoo darbuu fi tokko ammoo miidhamuu himaniiru.
 
Jeequmsa magaalaa Gaambeellaatti ergamtoonni garee shororkeessa uumaniin lubbuun namoota 2 darbuu fi namoonni 4 miidhamuu eeraniiru.
 
Hordofii qamoleen nageenyaa tibbana taasiisaniin shakkamtoonni 10 to’atamuu ibsaniiru.
 
Namoota yakka shororkeessummaa raawwachuuf socho’aa jiran kanneen adamsanii qabuuf hawaasni hirmaannaa akka taasiisan gaafataniiru.
 
Maddi:-TOI
 
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.