Fana: At a Speed of Life!

Gaazexeessaa, Artiistii fi qorataan guddina Afaan Oromoo Ibraahiim Haji Aliin dhibamee hoospitaala seene

Finfinnee, Hagayya 9, 2012 (FBC) – Gaazexeessaa, Artiistii fi qorataan guddina Afaan Oromoo Ibraahiim Haji Aliin dhibamee hoospitaala seene.
 
Ibraahiim Haji Aliin dhukkubsatee ega hoospitaala seenee torbee 1 ol ta’eera.
 
Ibraahiim meeshaalee muuziqaa gosa 4 ol taphachuu danda’a.
 
Dhaloota 2ffaa Baandii Arfan Qalloos ture.
 
Baandiin Arfan Qalloo ega adda diigameen booda, bara 1967/68 miseensota Baandii Aduu Birraa hundeessan keessaa tokko ture.
 
Dooktara Kabajaa Artiist Alii Birraa, Ibraahiim Haji Alii, Himee Yasuuf, Abdu Shakkuur, Mahaammad Xawwiilii fi kanneen birootis hundeessitootaa fi miseensota baandichaa turan.
 
Baroota 1960n keessas Ityoophiyaa naanna’uun sirboota afaan Oromoo, afaan Oromoo fi ummata Oromoo waltajjii fi addabaaba’iitti baasaniiru.
 
Kanuma keessa yeroo waltajjiif Beegii deemanitti Artiist Abbitaw Kabbadaa argatanii waltajjiitti akka ba’uu fi sirboota afaan Oromoo akka gumaachu kan taasisan artiistotuma kanneeni.
 
Ibraahiim Haji Aliin umriisaa dargaggummaatti magaalaa Dirree Dawaatti ture muuziqaa kan eegale.
 
Duraan kilabii magaalaa Dirree Dawaatif taphataa kubbaa miillaas akka ture ni dubbatamaaf.
 
Ibraahiim Haji Aliin bara 1968 Gaazexaan Bariisaa yoo hundeeffamu, hundeessitoota keessaa tokko ture.
 
Gaazexeessummaadhan Olompiika Mooskoo deemee dorgommicha gabaasera.
 
Ibraahiim Haji Aliin weellisaa, barreessaa walaloo fi qopheessaa yeedaloo, qindeessaa muuziqaa albamootaa fi sirboota qeenxee hedduu, xiinxalaa ispoortii, gaazexeessaa, hayyuu waaltina afaan Oromooti.
 
Bara Dargii keessa Gaazexaa Bariisaarratti birkii gulaallii gaazexichaarratti(Editooriyaal) Qubee Afaan Oromootin barreessuuf si’a lamaa ol namoota yaalii godhan keessaa Ibraahiim Haji Aliin isa tokko.
 
Gaazexichi Saabadhaan barreeffamaa waan tureef, abbootiin taayitaa barasii waan dhimmicharra ga’aniif akeekkachiisan akka dhaabbatu taasifame.
 
Kufaatii Dargiitin boodas gaazexichi Qubee Afaan Oromootin akka barreessu gumaacha taasiseera.
 
Raadiyoo Faanaan bara 1987 yoo hundeeffamu, bu’uuressitoota keessaa hangafa.
 
Ibraahiim Haji Aliin Faanaa keessatti raadiyoodhan sagantaalee addaddaa qopheessuu fi gulaaluun hojjeteera.
 
Sagantaa “Faana Afaan Oromoo” Raadiyoo Faanatiin tamsa’u, jaalatama jabaa horatee fi afaanicha dagaagsuu keessatti gumaacha olaanaa qaban qopheessuun dhiyeessaas tureera.
 
Ibraahiim Haji Aliin miseensa Koree Waaltina Afaan Oromoo ta’uun waggoota dheeraaf hojjeteera, ammas hojjecha ajira.
 
Korichi afaan Oromoo akka waalta’u qooda olaanaa taphateera.
 
Ibraahiim Haji Aliin umriisaa ijoollummaarraa kaasee hanga ammaatti beekumsaa fi qabeenyasaa gonnofatee hin beeku.
 
Kitaaba lubbuun jiru, yoo bubbule waan hedduu gumaachuu danda’u kana wallaanuun akka tumsitan jaalattoonnisaa gaafataniiru.
 
Haaluma kanaan karaa herreega baankii maqaa isaatin jiran; Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa 1000048003625, Baankii Daldalaa Ityoophiyaa 0173032228600 akka deeggartan gaafataniiru.
 
Bifa waaraan dhaabuufis koreen hundaa’e sochii eegaleera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.