Fana: At a Speed of Life!

Gaazexeessitoota adda waraanaa garaagarratti gabaasa hojjechaa turaniif beekkamtiin laatame

Finfinnee, Amajjii 14, 2013 (FBC) – Abbaan Taayitaa Broodkaastiingii Ityoophiyaa jila Gaazexeessitootaa adda waraanaa garaagarratti gabaasa hojjechaa turaniif beekkamtiin laate.
 
Abbaan Taayitichaa Gaazexessitoota, Ogeeyyii kaameeraa, teeknishaanootaa fi konkolaachiiftoota duula hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti gaggeeffamerratti hirmaachuun uwwisa miidiyaa hojjechaa turaniif har’a Hoteela Ililliitti beekkamtii laateera.
 
Hojiin ogeeyyiin kunneen Raayyaa Ittisa Biyyaa duukaa ta’uun odeeffannoo hawaasa biraan ga’uuf hojjatan kan isaan galateeffachiisu ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa fi Prees Sekreetariyaatiin Yaa’iinsa odeeffannoo komaand postii Ambaasaaddar Reediwaan Huseen ibsaniiru.
 
Duulichi hariiroo miidiyaalee kan cimse ta’uu himaniiru.
 
Daayreektarri Abbaa Taayitaa Broodkaastiing Ityoophiyaa Dooktar Geetaachoo Dinquu ogummaa qabaniin hojii boonsaa hojjatanii beekamtii argachuun kan nama boonsuudha jedhan.
 
Ministir Deettaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa obbo Fissaahaa Waldasanbat gama isaaniin Gaazexeessitoonni kunneen wayita duula olaantummaa seeraa odeeffannoo sirrii ummataan ga’uu keessatti shoora olaanaa ba’aniiru jedhan.
 
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan OromooHttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
 
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
 
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.