Fana: At a Speed of Life!

Gabaa tasgabbeessuuf dhaabbileen idil addunyaa oomisha isaanii dhaabilee misoomaa mootummaaf dhiyeessuun akka raabsamu taasiifamuufi

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2013 (FBC) – Mootummaan gabaa tasgabbeessuuf dhaabbileen idil addunyaa oomisha isaanii dhaabilee misoomaa mootummaaf dhiyeessuun akka raabsamu taasiifamuuf ta’uu Ministeerri Maallaqaa beeksiise.

Ministir Deettaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalinyi, hojiilee fooyya’iinsa diinagdee fi dhimmoota waqtaawaa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Mootummaan qaala’iinsa gatii yeroo ammaa jiru tasgabbeessuu kan danda’u furmaata yeroo gabaabaa hojiirra oolchuuf ta’uu beeksiisaniiru.

Gabaa tasgabbeessuuf kallattiin dhaabbilee idil addunyaarraa oomisha bituun dhaabbilee misoomaa mootummaaf dhiyeessuun akka raabsamu hojmaanni diriirfamuuf ta’uu dubbataniiru.

Daballii gatii boba’aa hordofee oomishaalee dabballicha waliin hidha hin qabne irratti qaamolee daballii gatii taasiisanirraatti tarkaanfiin seeraa fi bulchiinsaa kan fudhatamu ta’uu ibsaniiru.

Rakkoo qaala’iinsa gatii amma muul’ateef ka’umsi rakkoo sirna daldalaa ta’uu Dooktar Iyyoob eeraniiru.

Oomisha Avookaadoo qonnaan bulaan birrii 10 dhiyeesse birrii 40 gurguruun shira daldalaa osoo hin taane rakkoo sirna daldalaa ta’uu muul’isa jedhan.

Qaala’iinsi gatii ammaa jiru bu’aa waggoottan kurnan darbanii ta’uu ibsaniiru.

Daballiin gatii % 60 Oomishaalee nyaataa irratti kan muul’ate yoo ta’uu, mootummaan furmaata waaraaf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.