Fana: At a Speed of Life!

Gabaan Dilbataa jiraattoota magaalichaa deeggaruurratti ga’ee olaanaa gumaachaa jira jedhame

Finfinnee, Caamsaa 7, 2014 (FBC) – Gabaan Dilbataa jiraattoota magaalichaa deeggaruurratti ga’ee olaanaa gumaachaa jiraachuu ibsameera.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee qaala’iinsa jireenyaa hir’isuuf dhimmoota xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jiru keessaa Gabaan Dilbataa isa tokko ta’uu ibsameera.

Yeroo ammaa magaalichatti gidduu galli gabaa Dilbataa 50 ol hundaa’uun hawaasa magaalichaa fi qonnaan bultoota kallattiin gatii madaallawwaan wal bichisiisaa jiraachuu ragaan Waajjira Kaantibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Hojii kun iddoolee hundatti cimee akka itti fufuuf qindoominaan hordoffiin taasiifamaa jiraachuu fi giddu galawwan biroo dabalataan hundeessuun kan itti fufu ta’uu eerameera.

Hojiin kun akka cimu taasiisuun walitti hidhamiinsa oomishtootaa fi shamattootaa babal’isuun shira daldaltoota seeraan alaa fi faddaaltootaa fashaleessuun daballii gatii hir’isuuf qooda qaba jedhame.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.