Fana: At a Speed of Life!

Gabaan Oomisha Ityoophiyaa Amajjii keessa oomisha Birrii biiliyoona 4.64 walbichisiise

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2012 (FBC) – Gabaan Oomisha Ityoophiyaa baatii Amajjii keessa oomisha Birrii biiliyoona 4.64 walbichisiise.

Oomishti Birrii biiliyoona 4.64 walbichisiifame toonii kuma 9 fi 239.

Gabaan Oomisha Ityoophiyaa baatii Amajjiittii saliixii toonii kuma 43 fi 927, buna toonii kuma 24 fi 391, boloqqee toonii kuma 9 fi 643, maashoo magariisaa toonii kuma 9 fi 268 akkasumas atara toonii kuma 5 fi 9 walbichisiisuusaa beeksiseera.

Saaliixii gabaaf dhiyaate Birrii biiliyoona 1.9, buna gabaaf dhiyaate Birrii biiliyoona 2.2, boloqqee gabaaf dhiyaate Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyonaa 1.17, maashoo magariisaa gabaaf dhiyaate Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miilyoona 40 yoo walbichisiisu atara gabaaf dhiyaate Birrii miiliyoona 65.58 walbichisiisuu beeksiseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.