Fana: At a Speed of Life!

Gabaan Oomisha Ityoophiyaa baatii Waxabajjii oomisha toonii kuma 62 fi 542 walbichisiise

Finfinnee, Adoolessa 3, 2012 (FBC) – Gabaan Oomisha Ityoophiyaa baatii Waxabajjii oomisha toonii kuma 62 fi 542   Birrii biiliyoonaa 3.72 walbichisiisu beeksiseera.

hammii oomishalee garaagaraa  gabaaf dhiyaataniis dabaleera jedhame.

Bittichaan bunni %44 hammaan gatii % 66 gatii uwwiisaan dursa yoo ta’u, baatii darbeen walbira qabamee yoo ilaallamu hammaan toonii 6 gatiin ammoo %7 caalmaa argisiseera.

Bunni baatii Waxabajjii gabaa alaaf kan dhiyaate toonii kuma 18 kan hin caallee Birrii biiliyoona 1.46 fi bunni dhiqamaan toonii 419 Birrii miiliyoona 53 walbichisiseera.

Saaliixiin toonii kuma 21 fi 943 Birrii miiliyooa dhibba 9 fi miiliyoona 44 kan wal  bichisiise yoo ta’u, baatii darbeen wal bira qabamee yoo ilaallamu hammaan %40 gatii ammoo 39n caaleera.

Dhiyeessiin saaliixii  kan waggaa darbeen walbira qabamee yoo ilaallamu dachaa sadiin dabaluu  Gabaan Oomisha Ityoophiyaa  ibsa Faanaa Broodkaasiting Koorporeetif  ergeen beeksiseera.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.