Fana: At a Speed of Life!

Gabaan wal tuxxuqqiirraa bilsa akka ta’u hojjechaa jiraachuu waldichi beeksise

Finfinnee, Caamsaa 10, 2012 (FBC) – Tajaajilli bittaa fi gurgurtaa karaa wal xuxxuqqiirraa bilsa ta’een akka raawwatuuf teeknooloojii ‘M Birr’ hojiirra oolchuu eegaluu Waldaan Aksiyoona Liqii fi Qusannaa Oromiyaa beeksise.
 
Moosaajii dhaabbata Moos jedhamu waliin haala mijataa uumuun hawaasni xuxxuqqaan vaayrsii koronoof osoo hin saaxilamne, tajaajilicha argachuu akka danda’uuf hojjatamuusaa daayreektarri olaanoo waldichaa obbo Tashoomaa Laggasaan ibsan.
 
Hawaasni tajaajilicha argachuuf waajjiraalee waldichaatii goruudhan bilbila harkaatin teeknooloojicha madaqsfachuun fayyadamuu danda’a jedhan.
 
Dhaabbilee faaynaansii naannoo Oromiyaa fi naannolee biroo keessa socho’an 6 waliinis kan hojjatu ta’uu ibsan.
 
Waldaan kun weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi namoota harka qalleeyyii deeggaruuf gumaacha Birri miiliyoona 3 laatera.
 
Raggaasaa Firoomsaatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.