Fana: At a Speed of Life!

Gabaasa qorannaa vaayrasii koroonaatin namoonni 489 yoo dandamatan, 6 lubbuu isaanii dhabaniiru

Finfinnee, Onkololeessaa 10, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannaa vaayrasii koroonaa har’a ba’een namoonni 489 yoo dandamatan, 6 lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Hanga ammaatti waliigalaan qorannaan laabraatoorii samuudaa 1,410,496 kan hojjetame yoo ta’u, yeroo ammaatti vaayrasichi kan irra jiru namoota 45,479 ta’uu ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisaniiru.
 
Sa’aa 24 darbetti qorannaan laabraatoorii 6,602 hojjetamee namoonni 630 vaayrasichaan qabamuun isaanii mirkanaa’era.
 
Qorannichaan namoonni 301 hordoffii wallaansa cimaa keessa kan jiran yoo ta’u,489 dandamataniiru.
 
Waliigalaan hanga ammatati kan dandamatan namoota 43,638 yoo ta’an, kan lubbuu isaanii dhaban 1371, dhibichaan kan qabaman ammoo 90,490dha.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.