Fana: At a Speed of Life!

“Gabataa Biyyaaf” irraa tumsi Birrii biiliyoona 3 kan argamu ta’uun ibsame

Finfinnee, Fulbaana 6, 2013 (FBC) – “Gabataa Biyyaaf” irraa tumsi Birrii biiliyoona 3 kan argamu ta’uun ibsame.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ijaarsa proojaktoota misoomaa Kooyshaa, Wancii fi Gorgoraaf sochii galii walitti qabuu gamaaggamuuf koree qindeessituu sagantichaa waliin mari’ataniiru.
 
Hojjettoonni mootummaa mindaa isaanii baatii tokkoo proojaktichaaf arjoomuu Waajjirri Muummee Ministiraa beeksiseera.
 
Lammiilee fi dhalattoonni Ityoophiyaa biyyoota alaa jiraatan deeggarsa isaanii sharafa alaatin kan arjooman ta’a.
 
Hawaasa daldalaa duursee waadaa gale dabalatee Birrii biiliyoonni 3 proojaktichaaf kan walitti qabamu ta’a jedhameera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.