Fana: At a Speed of Life!

Ga’eettiin umrii waggaa 35 bishaan malee waggaa 1 ol jirattee

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2012 (FBC) – Ga’eettiin umrii waggaa 35 bishaan osoo hin dhugiin waggaa 1 ol jiraatte fayya qabeettii ta’uun ishee himameera.

Ga’eettiin umurii waggaa 35 Soofiyaa Paakik dhukkuba ijaa, gogaa, bulla’insa soorataa rakkachaa turte.

Kanumaan walqabatee guyyaatti sa’aatii 13-14 dhangala’oo kamiyyuu hin fayyadamtu.

Wantoota dhangala’oo waliin walqatan keessa cuunfaa kuduraa fi muduraa qofa fayyadamti.

Bishaan kan barbaadu keessa keenya, fedhii keessa keenyaa ammo moo’achuu qabna jetti Paakik .

Yeroo jalqabaaf baayyee ulfaataa ture, garuu sammuu ofi yoo amansiisan nyaataa fi dhugaatii caalaa dhimmoota biroo irratti xiyyeeffaachuun akka danda’amuu irraa baradheera jetti.

Maddi:- Odiitii Seentiraal

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.