Fana: At a Speed of Life!

Galgala har’aa Burkinaafaasoo Vs Ityoophiyaa

Finfinnee, Amajjii 9, 2014 (FBC) – Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Ityoophiyaa tapha ramaddii xumuraa har’a galgala Burkinaafaasoo waliin ni taphata.
Taphoota lamaan darban Keep Verdeen 1-0’n, Kaamerooniin 4-1’n kan mo’ame Gareen Biyyaalessaa Ityoophiyaa, qabxii malee sadarkaa dhumaarra jira.
Burkinaafaasoon tapha duraan Kaamerooniin mo’amte, tapha marsaa 2ffaan Keep Verdee injifachuun ramaddicharraa sadarkaa 2ffaa irratti argamti.
Keep Verdee waliin qabxii sadi qixa qabaattee gooliin kan caaltu Burkinaafaasoon tapha Ityoophiyaa waliinii kanaan goolii baayyeen injifachuun carraa darbuushee murteeffachuuf taphatti.
Waggaa saddeetiin booda Ityoophiyaaf goolii kan galche Daawaa Hoxxeessaa tapha kanaanis gahu’umsi muul’isu ni eegama.
Bara Farnjootaa 2013 tapha waancaa Afrikaa qopheessummaa Afrikaa Kibbaan gaggeeffameen Burkinafaasoon 4-0’n Ityoophiyaa injifattee turte.
Qopheessituun taphichaa Kaameeruun ramaddicha dursitee darbuu mirkaneeffatus, har’a Keep Verdee waliin ni taphatu.
Taphoonni lameenuu galgala sa’aatii walfakkaatu 1:00 irraa eegaluun ni taphatu.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.