Fana: At a Speed of Life!

Galii Finfinnee guddisuuf maddoota addaddaa uumun ni barbaachisa -Injiinar Taakkalaa

Finfinnee, Caamsaa 27, 2012 (FBC) – Galii magaalaa Finfinnee guddisuuf maddoota addaddaa uumun ni barbaachisa jedhan itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan.
 
Injiinar Taakkalaan hoggantoota Biiroo Galiiwwanii Finfinnee fi hoji raawwachiistota dameewwanii waliin mari’ataniiru.
 
Galiin walitti qabamu karaa ammayyaa’aa fi sirrii ta’een akka sassaabbamurratti mari’atamee, kallattiin furmaataas kaa’ameera.
 
Galiin taaksii fi taaksii hin ta’in, akkasumas sassaabbiin galii mana qopheessaa hojimaata ammayyaa’aan akka hogganamuu qabanis ibsaniiru.
 
Galiin sassaabbamu naamusa eeggatee, bifa lammiilee hin miinen ta’uu akka qabus kallattii kaa’aniiru.
 
Galii argamu guddisuuf maddoonni addaddaa ilaallamuu akka qabanis eeraniiru.
 
Bulchiinsi magaalichaas hordoffii barbaachisaa kan taasisu ta’uu ibsan.
 
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.