Fana: At a Speed of Life!

Galiin biyya keessaa mootummaa Federaalaa % 28.9 dabaleera – Ministeera Pilaanii fi Misoomaa

Finfinnee, Amajjii 22, 2015 (FBC) – Galiin biyya keessaa mootummaa Federaalaa kan bara darbeen yoo madaallame % 28.9 dabaluu Ministeerri Pilaanii fi Misoomaa beeksise.

Gamaaggamni raawwii hojii damee Diinagdee baatiwwan jahan darbanii bakka Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffameera.

Galiin biyya keessaa mootummaa Federaalaa kan bara darbeen yoo madaallame % 28.9 dabaluu Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsuum Asaffaan eeraniiru.

Walakkaa waggaa kanatti Birrii biiliyoona 172.2 walitti qabuuf karoorfamee Birrii biiliyoona 222 walitti qabuun danda’amuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.