Fana: At a Speed of Life!

Galmeen barattootaa qormaata biyyaaleessaa kutaa 12ffaa torbaan dhufu kan jalqabuu ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksise

Finfinnee, Onkololeessaa 13, 2013 (FBC) – Galmeen barattootaa qormaata biyyaaleessaa kutaa 12ffaa torbaan dhufu kan jalqabuu ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksise.
 
Galmeen barattootaa qormaata biyyaaleessaa kutaa 12ffaa bara barnootaa 2012 Onkololeessa 16 hanga 30 bara 2013 manneen barnootaatti kan adeemsifamuu ta’uu Ministeerri Barnootaa beekeiseera.
 
Adeemsa galmee qormaataa kana bifa saffisa qabuun raawwachuuf Sooftiiweerii “Enrollment Kit” qopha’ee irraatti ogeessoota ‘ICT’ barattoota galmeessanii fi qindeessitoota kutaa qormaataf magaaloota naannooleetti leenjiin kennameera jedhame.
 
Qormaanni biyyaaleessaa bara barnootaa 2012 ‘Online’ akka kennamuus ni beekama.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.