Fana: At a Speed of Life!

Galmeen qormaata waliigalaa kutaa 12ffaa Bitootessa 20 hanga Ebla 15tti akka ta’uu murtaa’e

Finfinnee, Bitootessa 18, 2015 (FBC)-Galmeen qormaata waliigalaa barnoota kutaa 12ffaa bara 2015, Bitootessa 20 hanga Ebla 15, 2015’tti ta’uu Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaata beeksise.

Kanaan dura rakkoolee mul’ataa turan hambisuun hojmaata fooyya’aa hordofuun galmechi akka gaggeeffamu ibsameera.

Tajaajilichi ibsa kenneen yeroowwan darban raawwiin adeemsa kenniinsa qormaataa sirna galmee irratti dhiibbaa uumuu eereera.

Manni hojii ministeerichaa ibsa kenneen yeroowwan darban raawwiin adeemsa kenniinsa qormaataa sirna galmee irratti dhiibbaa uumuu eereera.

Galmechi marsariitiin kan gaggeeffamu yoo ta’u, manneen barnootaa eeggannoo barbaachisaa taasisuu qabu jedheera.

Haaluma kanaan barattootaa idilee fi galgalaa, manneen barnootaa mootummaa hundatti argamuun galmaa’uu akka danda’anii fi hordoftoonni barnootaa fagoo ammoo waajjiraalee barnootaa aanaalee filamaniitti marsariitiin kallattiin ni galmeessu jedhameera.

Kan barattoonni kamuu guyyaa eerametti kan hingalmoofne qormaataaf kan hinteenye ta’uu eerameera.

Galmee boodas gaaffilee sirreeffamaa maqaa, koorniyaa, fayyummaa, suuraa fi damee barnootaa fudhatama kan hinqabne ta’uu tajaajilichi eereera.

Miniyichil Azzaazaatu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.