Fana: At a Speed of Life!

Galmeen tajaajjila tola ooltummaa waggaa tokkoof turu eegalame

Finfinnee, Amajjii 8, 2012 (FBC) – Galmeen tajaajila tola ooltummaa waggaa tokkoof turu guutuu biyyattiitti eegalame.

Tajaajila kana laachuuf tola ooltoonni dhaabbilee barnootaa olaanoo irraa eebbifaman galmaa’uu eegalaniiru.

Tola ooltoonni umriin isaanii waggaa 18 hanga 35 ta’an tajaajilicha kennuuf guutuu biyyattiitti galmeen eegalamuu Ministeerri  Nageenyaa FDRI beeksiseera.

Tola ooltoonni fedhii qaban dhaabbilee nageenyaa aanaalee biyyattii hunda keessatti tajaajila hawaasummaa laachuu barbaadaan irratti galmaa’uu danda’u jedhameera.

Dabalataan marsariitii Ministeera Nageenyaa irratti kallattiin ‘on line’ galmaa’uu kan danda’a ta’uu ibsameera.

Marsaa kanaan tola ooltoota tajaajila tola ooltummaa laataan kuma 10 kan hirmaachisu ta’uu ministeerichi ibseera.

Tola ooltoonni kunneen baatii sadiif leenjii erga fudhatanii booda kutaa biyyattii garagaraatti bobba’uun tajaajila tola hawaasummaa ni kennu jedhameera.

Ji’oottan atti aanuu keessas tola ooltoota dhaabbilee barnootaa olaanoo irraa eebbifaman kuma 10 leenjisuun tajaajila tola ooltummaatti bobbaasuuf hojjetamaa jiraachus ibsameera.

Tola ooltoonni kunneen duudhaalee waliin jiraanyaa, ijaarsa dandeettii, ga’umsa qaamaa fi walitti dhufeenyaa irratti leenjii kan fudhatan ta’uu Misteerichatti Daayreekteerri waajjira qindeessa tarsiimoo waldeeggarsaa fi dhaabbilee waamamaa ministeerichaa aadde Asmaa Raddii ibsaniru.

Eebbifamtoonni qonna, fayyaa, ijaarsa fi damee biroo irratti hawaasaaf tajaajila ni laatu jedhameera.

Tajaajilli tola ooltummaa ummata tajaajiluu irra darbee muuxannoo hojii gaarii fi carraa hojii argachuuf haala ni mijeessa jedhaniiru.

Carraa hojii uumuuf Ministeerri Nageenyaa qaama dhimmi ilaalu hunda waliin qindoominaan ni hojjeta jedhaniiru.

Aadaa, afaan, duudhaa, fi sirna hawaasaa walii qooduun hariiroo gaariin akka uummamuuf sagantaan garagaraa ni bocama jedhameera.

Tajaajila laattoota kanneeniif mootummaan nyaata, iddoo jireenyaa fi wantoota bu’uraa hojichaaf barbaachisan ni guuta jedhan aadde Asmaan.

Dargaggoota tajaajila kana laataniif  waggaatti Birrii miiliyoonni kumni dhibba 9 ol ni qabama jedhameera.

Tajaajjilli tola ooltummaa hariiroo lammiilee kan cimsu ta’uu Ministeera Nageenyaatti daayreekteerri walitti dhufeenya biyaaleessaa fi ijaarsa qabeenya hawaasummaa obbo Tagbaaruu Yaareed dubbataniiru.

Tajaajilli kun sabboonummaa lammiilee dabaluu bira darbee, walitti bu’iinsa biyyattii keessatti uumamaa jiru hambisuuf ni gargaara jedhaniiru.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.