Fana: At a Speed of Life!

Galmi Barkumee wallaansa addaaf akka oolu qaamolee tumsa taasisaniif beekamtiin laatame

Finfinnee, Adoolessa 6,2012(FBC)- Galmi Barkumee wallaansa addaa vaayrasii koroonaaf akka oolu qaamolee tumsa taasisaniif beekamtiin laatame.

Sagantaan beekamtii laachuu kun kaleessa bakka ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan argamanitti gaggeeffameera.

Qaamolee tumsa taasisaniif waraqaan beekamtii laatameera.

Galmicha wallaansaf qopheessuuf hojii guddaa kan gaafatu ta’uu Dooktar Liyaan ibsaniiru.

Galmichi wallaansa addaa ta’ee tajaajiluu ega eegalee guyyootii 41 lakkoofsiseera.

Namoota vaayrasichaan qabaman 1400 ol simatee keessummeessaa kan ture yoo ta’u, isaan keessaa 1080 dandamatanii ba’aniiru.

 

 

 

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.