Fana: At a Speed of Life!

Gamoon waajjira Muummee Ejansii Nageenya Infoormeeshiinii har’a eebbifame

Finfinnee, Eebila 9, 2013 (FBC) – Ejansiin Nageenya Infoormeeshiinii Gamoo Waajjira Muummee Birrii biiliyoona 2.1 ijaarsiisaa ture har’a eebbifameera.

Gamoon Waajjira Muummee Ejansii nageenya infoormeeshiinii kun har’a bakka Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad fi hoggantoonni mootummaa olaanoon argamanitti eebbifameera.

Magaalaa Finfinnee iddoo addaa Walloo Safar jedhamutti lafa Kaaree meetira kuma 23 fi 371 irratti kan ijaarrame gamoon kun darbii14- 17 qabaachuu isaa ibsameera.

Bilookiiwwaan 5 kan qabu yoo ta’uu, Waajjira Ejansii Nageenya infoormeeshiinii dabalatee, Ministeera Nageenyaa, odeeffannoo nageenya Faayinaansii fi gidduugala Aartiifishaal Intalajansii kan of keessatti hammate ta’uu himameera.

Ijaarramuun Gamoo kanaa baasii dhaabbatichi waggaan kiraa biiroof baasu Birrii miiliyoona 87 ni hambisa jedhame.

Gamoon Waajjiira Muummee Ejansii Nageenya Infoormeeshiinii kun biiroowwan garaagaraa, giddugala qorannoo, kutaa laabraatoorii, gidduugala misoona qorannoo saayibarii of keessaa qaba jedhameera.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.