Fana: At a Speed of Life!

Gamtaa Afrikaa dabalatee biyyoonni biroo ibsa dhuukaasa dhaabuu Ityoophiyaa kan deeggaran ta’uu beeksiisan

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2013 (FBC) – Gamtaan Afrkaa, Chaayinaa fi Imreetoonni Araba Gamtoomanii ibsa Mootummaa Ityoophiyaa dhuukaasa dhaabuu kan deeggaran ta’uu beeksisaniiru.
Mootummaan Ityoophiyaa Waxabajjii 22,2013- deeggarsa namoomaaf jecha ibsa dhuukaasa dhaabuu kan murteesse Gamtaan Afrikaa gammachuun akka fudhate beeksiseera.
Rakkoo Naannoo Tigraayi keessaa jiru furmaata itti kennuuf mootummaan Ityoophiyaa ibsi dhuukaasa dhaabuu baasuunsaa tarkaanfii sirrii ta’uu ni deeggarra jechuun Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahammaat himaniiru.
Imreetoonni Araba Gamtoomanii fi Waajjirri tumsa idil-addunyaa fi dhimma Alaa ibsa baasaniin immoo, Naannoo Tigraayitti ibsi dhuukaasa dhaabuu gama mootummaa Ityoophiyaan darbe kan deeggaramu ta’uu beeksiseera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.