Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Afrikaa fi Baankiin Addunyaa talaallii Covid-19 miiliyoona dhibba 4 Afrikaanootaaf dhiyeessuuf waliigalan

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2013 (FBC) – Gamtaan Afrikaa fi Baankiin Addunyaa talaallii Covid-19 miiliyoona dhibba 4 waloon Afrikaanootaaf dhiyeessuuf waliigalaniiru.
Waliigaltichi deeggarsa Baankii Egziim Afrikaan talaallii Afrikaanootaa ‘Joonsan Joonsan’ jedhamuun waamamu miiliyoona dhibba 4 marsaa 1n laatamu qaqqabsiisuuf kan dandeessiisu ta’a jedhameera.
Dabalataan waliigaltichi karoora dhiyeessii talaallii Covid -19 Ardichaa % 60 ga’uuf qabame milkeessuuf kan gargaaru ta’uu ibsameera.
Biyyoonni Afrikaa 41 bittaa talaallichaa raawwachuuf adeemsarra jiraachuu ibsameera.
Baankiin Addunyaa Gamtaa Afrikaatti garee talaallicha barbaachaaf hundaa’e waliin ta’uun miseensotta biyyoota kanneenii saffiisaan akka qaqqabuu hojiilee bulchiinsaa tumsaan hojjechuuf walii galuu Baankiin Addunyaa beeksiiseera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.