Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Afrikaa haalli yeroo Sudaan yaaddessuu beeksise

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2014 (FBC) – Haalli yeroo Sudaan hedduu yaaddessuu Gamtaan Afrikaa beeksiseera.

Hidhamuun Muummee Ministiraa Sudaan Abdallaa Hamdookii fi hoggantooonni Siiviilii biyyattii haalli yeroo Sudaan sadarkaa yaaddessaarra ga’uu kan agarsiisuu ta’uu dura taa’aan gamtichaa Muusaa Faaqii Mahaammat ibsaniiru.

Dhimmoonni hoggantoota Raayyaa Ittisaa biyyattii fi hoggansa Siiviilii gidduutti rakkoo uume  marii siyaasaa fi akkaataa heera mootummaa biyyattiin saffisaan akka hiikamu waamicha taasiisaniiru.

Biyyattii baraaruu fi ce’umsa diimokiraasiif marii fi waliigalteen murteessaa ta’uu ibsuu isaanii ragaan Gamtaa Afrikaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.