Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Afrikaa weerara Covid- 19f Doolaara miiliyoona dhibba 3 walitti qabuufi

Finfinnee, Onkololeessaa 7, 2013 (FBC) – Gamtaan Afrikaa weerara Covid- 19 ittisuuf kan oolu Doolaara miiliyoona dhibba 3 walitti qabuufi hojjechaa jiraachuu beeksise.
 
Gamtichi maallaqa kana kan walitti qabu qophii Onkololeessa 14 Weebinaraan(Interneetiin) gaggeeffamurraa ta’uu ibsameera.
 
Qophiin maallaqa walitti qabuu kun Afaanoota hojii gamtichaa Afaan Arabaa, Afaan Ingilizii,Afaan Faransaayii fi Afaan Poorchuugaaliin kan gaggeeffamu ta’uu ifoomeera.
 
Maallaqa walitti qabuun cinaatti weerara vaayrasiirratti hojiin hubannoo uumuu kan gaggeeffamu ta’uu himameera.
 
Gamtichi kana dura Doolaara miiliyoona 44 walitti kan qabe yoo ta’u, kan ammaa kun isa dabalataa ta’uu eerramaeera.
 
Maallaqni walitti qabamu miidhaa diinagdee fi hawaasummaa weerarichi qaqqabsiisaa jiru qolachuu fi humna Gidduula Ittisaa fi Too’annoo Dhibee Afrikaa utubuuf oola jedhame.
 
Meeshaalee yaalaa fi ittisaa dhibichaa bituuf kan oolu ta’uus eerrameera.
 
Qophii Weebinaraa kanarratti dura taa’aan gamtaa Afrikaa Siiriil Raamaafoosaa, Komishinarri Komishinii gamtichaa Muusaa Faaqii Maahimaat fi daayreektarri olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teediroo Adihaanoom haasawa ni taasisu jedhamee eeggame.
 
Qophii kanarratti Artiistoota Ityoophiyaa dabalatee Artiistoonni ardichaa kan hirmaatan ta’uu ragaan gamticharraa argame ni muul’isa.
 
Akkasumas hooggantoonni gamtichaa, Baankoonni garaagaraa fi dhaabbileen daldalaa hedduun kan argaman ta’uu eerrameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.